Maanguddoota Oromoo 4 FDGf Magaalaa Gimbii Irratti Ke’eef Adda Duree Dha Jechuun Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Hidhaa fi Reebicha Irraan Gahe.

Waxabajjii 05,2014 Gimbii

BilisummaaGabaasa Godina Wallagga lixaa magaalaa Gimbii irraa har’a Waxabajjii 05,2014 addeessuun,ammallee mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee EPRDF uummata Oromoo humnaa fi aangoo isaatti fayyadamuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa ifaa ta’ee jira.

Akka gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessutti FDG kanaan dura lixa Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti dho’ee finiinaa tureen namoota muraasa isintu adda duree ta’ee uummata qindeessuu irratti hojjetaa turtan jechuudhaan maanguddootaa fi abbootii maatii 4 torbee kana keessa magaalaa Gimbii irraa funaanuudhaan mana hidhaa keessatti reebaa jiraachuun ishee poolisoonni kanneen uummata Oromoof garaan isaanii gubatu ragaa bahaa jiru jedha Qeerroon.

Uummanni dhmma namoota kanaaf gaaffii yeroodhaa yerootti akka gadhiifamaniif gaaffii kaasaa jiru namoota uummata Oromoo gidduutti kabajamoo fi jaallatamoo ta’an kana irratti halleellaa reebichaa irratti raawwachaa akka jirtu uummata jiraattoota magaalaa Gimbiitu dhugaa baha poolisoota dabalate. Namoonni kun maqaan isaanii akka kanaa gadiiti.
1.Belaay Kebbedee-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
2.Bekkelee Guutamaa-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
3.Geetachoo Dabalaa-Maanguddoo magaalaa Gimbii fi Qote Bulaadhaa,
4.Mulaatuu Oljirraa-Daldalaa fi jiraataa magaalaa Gimbii
Namootni kun umuriidhaanis tahe oromomummaa isaaniitiin uummata Oromoo biratti hedduu jaallatamoo dha,kanumaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee maatii isaanii irraa hidhuudhaan mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti reebichaan dararaa jiru jedhu gabaasni Qeerroo magaalaa Gimbii.

Leave a comment