FDG dhaabbata leenjii Poolisoota Sanqallee keessatti dhalateen poolisootni leenjifamtootni leenjii dhaabuun beekkame.

Waxabajjii 4,2014 Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Fi Gudar gidduutti kan argamu mooraan Leenjii poolisoota Sanqallee jeeqame.

img0029a

Yeroo ammaa kanatti poolisootni dhalootaan Oromoo ta’an Kumootan lakkaa’aman mooraa Leenjii kan keessatti leenjii poolisaa fudhachaa utuu jiranii hacuuccaa fi roorroo uummata Oromoo irra gaa’a jiruun walqabatee mormii guddaa kaasan. Uummanni keenya balleessaa tokkoon malee sababaa gaaffii mirga isaa gaafateef jecha  reebamaa hidhaamaa fi ajjeefamaa jira, nutis uummata keenya reebuuf ajjeesuuf leenjii kun nu hin barbaachiisu, waan barachaa jirruu fi qabatamaan hojjetamaa jiru hundiu waliif faalladha, kanaafuu leenjii akkasii hin barbaadnu jechuun mormii kaasaniin leenjii poolisoota kun addaan citee jira. Haalli kunis ittumaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee yaaddoo fi dhiphina keessa buusee jira.

2 thoughts on “FDG dhaabbata leenjii Poolisoota Sanqallee keessatti dhalateen poolisootni leenjifamtootni leenjii dhaabuun beekkame.

  1. Nuti dubbii motummaan wayaane ijoolota keenyarraan gahaa jiru kana cimsine balaaleffanna .har’as ta’e boru du’as ta’u nooru nu haqaan bilisoomuu feena. Nu ajjeesuufi nu hidhuun nu jabeesse male duuba nun deebisne. Nan kan nadhibu poolisoonni oromia biddeenif jettani reeffa lammi keessani irra maaf tarkaanfattu? “Kan haadhako fuudhe hundumatu abbaakooti ” jedhama. Akka fakkeenyaatti ajajaa dhibba tokko gimbiirraa baay’ee taazzabe.maqaasa in ibsu. Gazexeessaa america (NAMOO DAANDI) Maquma hin arrabsine.silaas “keessa namaanbeektu keessaqabatte namakenniti” jedhan. Maqaa oromoo baatte oromoo gurgurti.

  2. hamma mirgii ummata oromoo eggamuttii qabsoon ummata oromoo kan ittii fufu ta’a.qabsoo kana keessattiis ummannii oromoo hundii ummata isaaf quuqamee hirmaannaa isaa agarsiisuu qaba.

Leave a comment