Breaking News ,Hamma Oromiyaan Bilisoomtu FDG Hin Dhaabnu Jechuun Ummanni Amboo Diddaa Farra Gabrummaa Itti Fufe.

OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 3,2014 FDG Marsaa 2ffaa Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo keessaatti jabaachuun itti fufee jira. Guyyaa har’aa sabboontootni barattootni Oromoo mana barumsaa Hoomachoo sadarkaa 1ffaa kan magaalaa Amboo ganda 06 keessatti Argamu FDG bifa haarawaa ta’een kaachiisan, goototni Barattootni Oromoo kun gaaffiin isaan kaachisanis 1ffaa, Ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman, 2ffaa Ilmaan Oromoo waraanni wayyaanee ajjeeseef itti gaafatamaan moortumma federaala EPRDF dha, 3ffaa, gaaffii mirgaa fi dimookkiraasii gaafanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, 4ffaa Dulli hidhaa uummata Oromoo irratti baname nurraa dhaabbachuu qaba, waraanni wayyaanees magaalaa Amboo gadhiisuu qaba. 5Ffaa master Plaaniin dhimma Magaalaa Finfinneetiin wal qabatu guutummatti haqamuu qaba kanneen jedhan kan of keessatti qabate gaafachuun barattootni Oromoo kunneen FDG gaggeessan.
FDG barattoota kana dhaabuuf itti gaafatamaan mana barumsaa Hoomachoo sadarkaa 1ffaa namni Tashoomaa Magarsaa jedhamu bilbila bilbiluun sabboontota barattoota Oromoo irraatti waraana waamuun battalatti dhaga’amee, sabboontotni dammaqoon irratti dammaquun situ diina uummata Oromoo ijoollee Oromoo irratti waama jechuun dirikteera mana barumsa kanaa irratti barattootni tarkaanfii reebbichaa irratti fudhachuun yeroo amma du’aaf jireenya gidduutti mana yaalaa ciisee dhiphachaa jirachuu ibsame jira.

 

1 thought on “Breaking News ,Hamma Oromiyaan Bilisoomtu FDG Hin Dhaabnu Jechuun Ummanni Amboo Diddaa Farra Gabrummaa Itti Fufe.

Leave a comment