Waxabajjii 03,2014 Finfinnee
Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa guutuu keessatt FDG gaaffii haqaa qabatee dho’een mootummaan wayyaanee naasuu fi sodaa keessa seeneen barataa fi uummata walitti qabee rasaasaan reebuun ajjeesuu fi madeessuu akasuma hidhuu kan hidhe ammoo reebicha hamaa irratti raawwataa jiraachuun isaa waan ifaadha. Yeroo ammaa oromiyaa keessatti manoota hidhaa 46 ol ta’an keessatti oromoon haala suukkanneessaa keessa jira.Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa keessatti duulli hidhaa itti fufeetu jira.
Yuuniversitii Haromayyaa irratti barattoota gaaffii mirgaa gaafatan jumlaadhaan mana hidhaatti guuraman keessaa maqaa namoota argannee torbanoota sadii dura gabaasuun keenya ni yaadatama. Haata’u malee barataa Naa’ol Kabbadaa Civil Engineering mooraa kanatti baratu erga gaafa tika wayyaaneetiin qabamee mana hidhaa maa’ikelaawwii seeneetii duulli reebichaa itti wal jijjiiruudhaan irraa hin dhaabbatin jira.Barataan kun yeroo ammaa Hospitaala Leenca Gurraacha(Tikur Anbessaa Hospital) keessatti du’aa fi jireenya gidduu akka jiru Qeerroon deemee ijaan arge gabaasaa jira. Hamma nyaata nyaachuu dadhabuu fi of qabuu dadhabuutti jira jireenyi isaa guutummaan hin dalagu jedhu afuura qofatu keessa dhikkifata garuu lubbuudhaan ciiseetu jira jedha gabaasni Qeerroo. Ajaa’iba yaa uummata Oromoo amma uummanni oromoo haala seenaan hin daganne keessatti argamaa jira,kan dhugaaf jedhee lubbuusaa kennes tahe kan garaaf jedhee saba isaa diinaaf kennes seenaan hin dagatu bilisummaan hin haftu har’a dhiigni keenya lola’e har’a ajjeefamne boruu keessaa bahuuf jirra!