Humni Dabalata Waraanaa fi Tika Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaatti Ramadame. Yuuniversitii Mattuu Ammoo FDG Itti Fufee Bulchiinsi Uni Barattootis Nyaata Dhorkamuun Akka Adabaman Taasise.

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 24,2014 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan fi humna basaasa Wayyaanee heddumina qabutu itti bobbafamee eegamaa jira.

Humni waraanaa fi basasaa kun barattoota nagaa qabee reebuu, hidhuu, doorsiisuu, barnoota irraa ari’uu, hojii idilee sa’aa 24 guutuu hojjetan godhachuun Yuunivarsiitii goolaa jiru.

Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa humnoota basasaa fi tika Waayyaanee hedduminaan mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti guuramaa jiraniif dirqamaan waraqaa eenymmaa barattoota akka kennuuf dirqisiisamee, yeroo amma kanatti humni basaasaa fi tika Wayyaanee waraqaa eenyummaa barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa irraa departimentiin wal qoqqoduun waraqaa eenyummaa barataa baafachuun qabatanii daree barnootaa seenuun waan barsiisaan barattootan jedhuu fi waan barattootni jedhaan basaasaa jiru.

Ammaan dura kutaa tokko keessa ta’ee namni barachuu qabu nama 50 ture yeroo ammaatti ammo heddumminni barataa kutaa tokko keessa nama 55 ta’ee jira.Kanneen fuula haaraa fi mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessatti argamanii hin beeknetu muldhata. Kanuma keessaan tokkummaan barattoota Oromoo jabaachuun diina yaaddeessa fi raasaa jira.

Gama biraan Caamsaa 24/2014 FDG marsaan 2ffaa gootota Dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuutiin itti fufee motuummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sabaaba Barattootni Yuunivarsiitii maqaa gaaffii mirgaa jedhuun FDG narratti labsuun na jeeqaa jiru jechuun gootota barattoo Yuunivarsitii Mattuu irraa ‘Nyaataa dhaabuu’ beelaan barattoota adabaa jira, barattootni Yuunibarsiitii Mattuu guutummaa torbee kanaa nyaata dhabuun beelaan haleelama jiru, guyyaatti dabboo tokkon kan oolaan yoo ta’uu guyyaa kaleessaa irraa egaalee hangaa har’atti homaa kan hin nyaannee fi ulee beelaatiin reebamaa jiru. Haalii kun daran yaaddeessa fi lubbuuf ilee sodachisaa waan dhufeef guyyaa har’aa waaree booda sa:aa 10:30 local time irra egaluun FDG halaan finiinsan. Goototni barattootaa kunneen aarii beelaa fi haccuuccaa daangaa darbaa Wayyaanee balaaleeffachuun kaffee irraa nyaata nyaatan illee caccabsuun Fincilaa jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan yakkamaan kun seeraatti dhiyaachuu qaba, gaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba malee balaa beelaaf saxilamuu hin qabnu, barattootni hidhaman haa hiikaman, warra ajjeefameef gumaan kanfalamuu qaba, jechuun warraaqsa jabaa gaggeessa jiru.

Leave a comment