Kaabinootni OPDO fi bulchitootni aanaa Utuu hin hafiin Ummaanni Jumlaan reebamaa fi Hidhamaa jira.

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Caamsaa 7,2014

Caamsaa 7/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waraannii Wayyaanee Uummata,Baratootaa, Qotee Bulaa, Kaabinoota Bulchiitoota, Itti Gaafatamtoota Wajjira OPDO illee utuu hin hambisiin jumlaan reebaa jiru. Jumlaan hidhaatti guuraa jiru, uummaannii amma illee diddaa isaa utuu wal irraa hin kutiin jabeessee itti fufee jira.

Bulchaan Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa Waraana Wayyaaneetiin akka malee reebame. uummatatti karaa nagaa harka
kennatte jechuun waraannii wayyaanee bulchaa aanaa midaa Qanyii lafarra harkisee rebbichaa ulfaata irratti rawwatamee jira,
Hoogannootni waajjira OPDO aanaa Midaa Qanyiis humna waraanaa wayyaaneetiin reebamanii hidhamaniiru.

Uummaannii Oromoo aanaa Midaa Qanyiitti argamuu qonnaan bultoota, barattootaa, daldaltoota, barsiisota, hojeettoota mootummaa dabalatee nammootni dhibbaan lakkaa’aman konkolaataa waraanaa Wayyaaneetiin abamanii ukkamsamanii gara dabarfamaa jiru, eessatti akka hidhaman kan hin beekamnee namoonni 400 olitti lakka’aman qabamuu maddeen keenya gabaasaniiru. maqaa guuttuu namoota hidhaman kana gaabasaa itti aanu keessatti ni dhiyeesina.

Leave a comment