Guutuu Oromiyaa keessatti FDG jabaatee itti fufe. Uummatni bulchinsa Wayyaanee jalaa bahuun koree bulchinsa mataa isaa filachuu eegale

Caamsaa 5,2014 Wallagga Ayira

Diddaan Uummata Oromoo jabaachuudhaan mootummaa wayyaanee irratti xiyyeeffatee itti fufee jira. Haala kanaanis Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa magaala Ayiraa keessatti Uummatnii fi dargaggootni gamtaan ka’uudhaan basaasa mootummaa wayyaanee kan tahe Tamasgeen kan jedhamu magaala keessaa baasee jira. Warra Tamasgeeniifis gocha farrummaa kana irraa akka dhaabbatu waamicha dabarsanii jiran. Haaluma kanaan Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti uummatni magaala tohannaa isaa jala erga galchatee gandawwan keessatti milishoota hiriirsuun Ganda Jaarroo Siree fi Tuulluu noonnoo keessatti FDG jabaan gaggeeffamuun uummatni walgahii guddaa godhachuun bulchinsa gandaa harka mootummaa wayyaaneetii baasee jira. Yeroo ammaa kanas Bulchinsootni gandaa kun harka wayyaaneedhaa bahuudhaan uummata harka seentee bulchinsa yeroofiis uummatni filatee jira.

Leave a comment