May 3,2014, Oromian News Update.

Caamsa 3,2014 Finfinnee

 Naqamtee. Barattootni mooraa keessatti hafan diddaan keenya itti fufa humna tokkoomeen fi uummata waliin taanee boodatti hin jennu kan hidhameef haamileen kenya nun bu’u jabinaan itti fufna jedhhu Qeerroon mooraa Yuuniversitii Wallaggaa guyyaa har’aa daran wal qindeessaa oolan.

Yuuniversitii Wallaggaa dame eShaambuu. Akkasuma barattootni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Shaabuu har’a itti fufee oole.

Sibuu Siree:-  guyyaa har’aa gaaffii wal tahuudhaan waajjira poolisii magaalaa Siree deemuudhaan gaafatanii jiru,barataan keenya haga yoomitti rasaasaan reebamee du’aa,haga yoomitti mana hidhaatti guuramaa? Lafti keenya haga yoomitti gurguramaa? jechuun hedduun umuriin isaanii 12 fi 16 gidduu ta’an barattootni waliin bobbadhudhaan gaaffii mirgaa gaafatanii jiru poolisiin magaalaa kanaallee gaaffii isaanii deggeruudhaan argame jedhu Qeerroon magaalaa Naqamtee irraa addeessu.

Magaalaa Baakkoo:- guyyuma kana Qeerroon magaalaa Baakkoo tokkummaan ka’uun waajira Poolisaa deemuun gaaffii mirga Oromoo fi abbaa biyyummaa ifatti gaafataa turan.

Yuunibarsiitii Walqixee : guyyaa har’aa Camsaa 3/2014 Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo Qeerroowwaan barattootni Oromoo fi uummaanni Oromoo, Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeessa jiran gaaffii keenya, jechuun gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, jechuun Sagaalee isanii dhageesifatan.

Kibbaa Lixa Shaawaa:- kanneen akka wancii (Leemaan), Tajii, Sabbataa, aanaa Sadan Soodoo fi Ammayya fa’itti FDG’n itti fufee jira.

 

1 thought on “May 3,2014, Oromian News Update.

  1. Qeerro. Akkam jirtu? Rabbi isin haa eebbisu. 

    Qabsoon qeerroo ummata hammate finiinaa jira. Akka kaneen duraa,qabsoo ciccitaa hin ta’u jedheen amana. Bakkaan ga’uuf, Networkin Oromiyaa hundaatti wal-ga’e malee, ammas gargar cituu ni danda’a. 

    Baadiyaa guututti, qotee bulaa wajjin walqabsiisuun daran ni finiinsa. Keessuma, daandii bakka hundaatti kukkutuun wanta danuuf fayyada. Kan kana gochuu danda’u humna qotee bulaa Oromooti. Amma qabsoon aanota wajjin walqabateera. Gandoota baadiyaan ga’uun barbaachisaa dha. (Akka L/Shawaa),  Daandii bakka hundatti, kukkutuun sochii fi walquunnnamtii TPLF ni dhaaba. Kana malee, meeshaa Waraanaa TPLF to’achuun ni rakkisa. 

    Ammas Habashooti, Oromoon eessa iyyuu hin ga’u jechuun afarsa jiru. Qabsoo mataa hin qabne /leadership hin qabne/, jechaa jiru. Qabsoo kana eenyutu geggeessa? Kanaafuu, wanta tokko hin godhan jedhama. Baayyee tuffataa jiru. Kanaafuu, Oromoon xiiqii isa dhumaa keessa seenee, gootummaan raawwachuu qabna. Isa dhumata argatu ta’uu qaba. Waraana sirna Buttaa labsuun yeroo kana natti fakkaata. Yeroo Tokkoon tokkoo Oromoo waliin kakatee, Qabsootti seenu. Mee waa’ee Buttaa irratti dalagaa. Oduu dabarsaa, beektota fi Jaarsolii dhiyeessa. TVn OMN akka irratti hojjatu, ergaa koo dabarss. 

    Nagaatti. 

    Please, your reply for continuous contact. I can be also a source for Oromo struggle. My life is with Oromo affair like true Oromos’ not forged ones.

    Oromiyaan ni Bilisoomti

Leave a comment