Caamsaa 2,2014 Qeerroo Ayiraa
Gaaffiin abbaa Biyyummaa Guutummaa Oromiyaa mara keessatti finiinaa kan as gahe Wallaggaa lixaa bakkeewwan garaa garaa keessatti FFDG jabaatee itti fufuun Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisuu irratti argamu. Haala kanaanis Uummatni Oromoo Godina wallaggaa lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo magaala Ayiraa keessatti gamtaadhaan walitti bahuudhaan dhaadannoo sirna nafxanyaa of irraa buqqisne Biyya keenyas dhuunfanne jedhu dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee dirqama abbaa irrummaa fudhatee bobba’es humna Uummataa caaluu dadhabuudhaan magaala gadhiisee bahuuf dirqamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina wallaggaa lixaa aanaa Noolee keessattis sabboontotni Oromoo alaabaa wayyaanee Habashaa faarsaa Oromoo garboomsaa as gahes gubanii jiran. Uummatni Oromoo amma Booreedha jechuudhaan sagalee isaa dhageessisuu akka qabus Qeerroon magaala Ayiraa gabaasee jira.
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

