Ebla 29,2014 Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa
Barattootni sabboontotni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa har’a Ebla 29 mormii cunqurusaa mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf tokkummaadhaan uummata magaalaa waliin bahanii jiru. Uummanni magaalaa dursee mooraa yuuniversitii biratti argamuudhaan barattoota kan simatee waliin gaaffii mirgaa dhaadannoo akka kanaa gadiitiin dhageessisuu eegalanii jiru,humni waraana wayyaanee Agaazen jedhamu konkolaataa 5 ol tahuun gara yuuniversitii kanatti ramadamee mooraa seenee jira kun suuraa waliin kan dhiyaatuudha,dhaadannoon barattootaa walii galaan: Oromiyaan Haa bilisoomtu,
- Hireen Murteeffannaa nuu haa kabajamu
- Nuti biyya keenyaaf ni wareegamna,
- lafti keenya hin saamamin,hin gurguramanin,
- Hidhamaan keenya hidhaadhaa haa bahu,
- afaan oromoo afaan walii galaa kan biyyooleessaa nuuf haata’u
- lafti oromoo fi naannowaa Finfinnee federaala jala galuu hin qaban,
- Oromia freedom,
Kanneen jedhuun ganama kana irraa eegalanii itti jiru gabaasa guutuu waraabbii waliin itti fufnee ergina.uummanni mooraa alatti eegaa jira barataan kaaffee fi man kitaabaa cufsiisuudhaan hojjetoota waliin bahaa jiru waraabbin guutummaattii ni dhiyaata sagaleewwan kanneen ragaadhaaf kan dhiyaaateedha,itti fufa!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!