Ebla 29/2014 Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina FDG Dhoosuun hiriiraa Mormii guddaa magaalaa Amboo keessatti gaggeessa jiru. Ummaannii Oromoo Amboo akkuma maqaa isaa ilmaan isaa waliin hiruuruun har’a yeroo ammaa kanatti hiriiraa guddaa sagaalee guddattiin magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jira. yeroodhuma kanatti mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa hiriira guddaa namoota kumaatamaan lakka’aman kanatti rifachuun dhukaasaa irratti banee Amboo Uummata Oromoo nagaan mirga isaa falmachuuf gaaffii mirgaa barattootni Oromoo dhiyeessan cina dhaabbachaa jiruu irraatti mootummaan abbaa irree rasasa xaaxessaa jiraachuu odeessii qeerroo amma Amboo irraa gabaasaa jira. Magaalaan Amboo dirree waraanatti jijjiramtee jirti, hiriirrii fi FDG garuu dhaabbachuu hin dabdeenye itti fufee jira. Gabaasaan kun itti fufa.
Kana malees Barattooti Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo fi Qphaa’inaa xalayaa gaaffii mirga saba Oromoo gaafattu bakkoota armaa gadiitti galfatanii jiru.
Iyyannoo Barattoota Oromoo M/B Amboo Sadarkaa 2ffaa fI Qopha’inaa.
1 . Bulchiinsa Mana Barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaatiif,
2. Bulchiinsa Godina Lixa Shawaaf
3. Bulchiinsa Magaalaa Amboof,
4 Komishinii Poolisii Godina Lixa Shawaa Amboof,
Guutummaa xalayaa kanaa dubbisuuf:-IYYAANNOO Barattoota Amboo M (44)
Lafa qabsoo Ambootti jajjabeewwan ilmaan oromoon fdg eegale itti fufe. Diinnii keenya lafaaf qabeenya keenya duguugdee baduuf turte afaan qabattee mugde. Lubbuun ijoollee keenya hanga ammaatti wareegamees dhiigumaan gumaan baati. Jajjabinaa fi kutannoo ilmaan sabaaf………..gadaan keenya kan bilisummaati!