Ebla 28/2014 Godina Lixa Shawaa M/b Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti FDG galgala kana qabateen magaalaan Geedoo raafama guddaa keessa jirti, Bulchitootni Aanaa Calliyaa FDG akka guutuu Oromiyaatti deemaa jiru irraan sodaa keessa seenuun guyyaa har’a barattoota Oromoo M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Walitti qabuun gorsuufi akka isaan FDG hin hirmaannee barattoota burjaajessuuf yaaliin godhamee gootota Barattoota Oromoo M/B Geedootiin fashaalaa’e.
Gootonni barattootni m/b Geedoo gaaffii mirgaa gaaffachuu irraa nu dhorkuu hin dandeessaan jechuun, Gaaffiin har’a Oromiyaa guutuu irratti dargaggoonni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii gaaffachaa jiran gaaffii keenya ni deeggarra; deebii argachuu qaba jechuun galgala kana sagalee mormii guddaa dhageesisan.
NUTI OROMOO dha!!!
Akkam yaa lammii koo,
Kan dhiigaa fi foon tokkoo,
Gaaddisa gaaf rakkoo,
Isinuma qaba isin abdiin koo!!!