Korri Miseensotni ABO Kutaa Kanadaa Ibsa Ejjetnoo Fudhate! Mariin Hawaasi Oromoo Torontoos Ibsa Baaftee Jira.

KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA

Korri Miseensota ABO Kutaa Kaanaadaa akkuma aadaatti eebba maanguddoon baname.

aboD/T Konyaa Mul`is A/Gadaa J/Nuuraddin Adam Ykn Falmaa Sabaa irmaatota koraan baga nagaan dhuftan je chuun simateera.Itti aansuun MGS -ABO J/Rooraas A/Goobaa kora kana akka sirnaan bananiif D/T-n Konyaa Mul`is A/Gadaa Afeeraniin J/Rooraas kora sirnaan banan. Itti aansuun sagantaa Sirna kabajaa Guyyaa yaadannoo Goototaa bakka ummatni Oromoo magaalaa Toroontoo heedduminnaan argamanitti Faaruun Goototaa faarfatamuun haala bareedaa fi seena qabeessa ta`een kabajameera.Sirnuma kabjaa kanarratti hawwisoon Toroontoo sirbootaa aadaa Oromoon ummata gammachiisaniiru. wallisaan Oromoo beekamaa fi jaallatamaan J/ Callaa Carcar irratti argamuun ummata Oromoo galgala guutuu bashannansiisaniiru.

Sirna kabjaa Yaadannoo Goototaa tti aansuun Daarikteriin Boordii Dhimma Mirga dhala namaa/HRLHA/ Obbo Gaaromaa Waaqasaa haala miidhaa fi dararama ummata Oromoo iirra gaa`aa jiru ilaalchisee, keessattuu yeroo ammaa kana Mootummaan Wayyyanee/TPLF/ miidhaa biyya keessaatti Ummata Oromoo qee fi qabeenya isaarraa buqisaa jiruu fi ummatni Oromoo biyya alaatti/Baqqattummaa keessattis/ miidhaa karaa biyya itti baqatan keessaa mootummaa n biyya sanaa Wayyaaneen wal ta`uun adamsamanii ajjeefamuu fi ukkaanfamanii gara biyya irraa baqataniitti deebisuun ajjeesuu f i ukkaamsanii dhabsiisuun miidhaan addaa addaa Oromoorra akka ga`aa jiru bal`inaan ibsaniiru.

Ibsa Ejjetnoo Kora Miseensota ABO Kutaa Kanadaa:- Ebla 18.20 2014 KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA

Ibsa Hawaasa Oromoo Torontoo:-E bla 20 2014IBSA EJJENNOO HAWAASA OROMOO MAGAALAA TOROONTOO.docx

1 thought on “Korri Miseensotni ABO Kutaa Kanadaa Ibsa Ejjetnoo Fudhate! Mariin Hawaasi Oromoo Torontoos Ibsa Baaftee Jira.

  1. Pingback: Korri Miseensotni ABO Kutaa Kanadaa Ibsa Ejjetnoo Fudhate! Mariin Hawaasi Oromoo Torontoos Ibsa Baaftee Jira. | Fighting for Freedom and Equality

Leave a comment