Walaloo “Dhaamsa koo”

Firehiwot Guluma Tezera irraa

Firehiywot GulummaaLammikoo gurra naaf ergisi

Obsaan callisaan na caqasi

Sumaaf jedheetani dhagahi

Dirqama lamummaa kee bahi

Ani kunoo bahuuf kutadhee

Ka’e zinnarakoo hidhadhee

Na hin qabinaa

Na hin dhoowwinaa

Hidhadhe ani qawweekoo

Deebisuuf lafa abba koo

Hin dhiisu ani waan koo

Har’aa kaasee soda maaliiti

Kan bitamnu hanga yoomiiti

Dacheen tun kan eenyuuti

Kan irrati wal bitu sanyii ormaati

Gumaa jaallanii eenyu kan baase

Mee naaf himaa hunduu ni callisee

Nutiif jedhanii wareegamanii

Lafee isaanii danqarsanii

Har’aa tanaan nu gahanii

Nu hundinuu ni callisnee

Hanga duriituu hanqannee

Dubbachuudhaa dadhabnee, burjoojofnee, dhamaanee,

Guutummaa Walaloon Kanaaf:-  walalo.docx

Leave a comment