Bitootessa 4, 2014
Nuti miseensonni Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) walgahii addaa kan gafa Bitooteessaa 02, bara 2014 magalaa Nürbergittii adeemsifanne irratti dhimmoota wa’ee haala ijjaarsa keenyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoon har’aa keessaa jiruu ilaallattan irratti maree bal’oo taasisuun murtee addaa addaa dabarsuun xummuurratneerra. Walgahii kanaa irratti baruumsaa fi haala yeroo ilaalchissee Miseensii Gumii Sabaa ABO J/Dr. Shigut Galata dhaaba ABO bakka bu’un nu giddutti argamuun ibsa bal’aan nu keennamee jira. Haala amma TBOJ Keessaa jiruu ilaalchissee karaa Dura ta’aa fi Barreessaa Damee Würzburg fi nannoon J/Gamachuu Fayyisaa fi J/Obsa Adam wal duraa duubaan ibsaa kennameera.
Itti aansuunis walgahichi dhimmoota armaan gaditti irratti murtee dabarsuun xummuurame:-
1. Deeggarsa QBO irratti
Nuti miseensonni TBOJ Walgahii kanaa irratti qooda fudhannee QBO kan kallacha qabsichaa ABOn hoogganamu of qusannaa tokko malee kan ca’aa tokko irra eegamuuu maraan kan cinaa dhaabbannu ta’uu ammas irra deebinee waadaa seenne haaromsina. Sochii Qerroo kano bifaa fi haala qindoomina haaraatiin finiinaa jiruu fi Waligalaa kan dhaabnii ABO kallachumman gaggeessaa jiru jabinaa fi murannoon wan dandeenyuu maraan kan deeggarru ta’uu beeksifna. Gachannii Ummataa Oromoo, WBOn, daran tarkanfii isa akka cimsaatuu wan qabnuu fi dandeenyuu maraan biraa dhaabbannaa.
Guutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa TBOJ02032014Nürnberg (1)