abo

Waggaa Haaraa ilaalchisuun dhaamsa ABO
Amajjii 2014

Miseensota ABO QBO keessatti qooda lammummaa gumaachaa jirtan;
Waraana Bilisummaa Oromoo tarree duraa hiriiruun wareega ulfaataa baasaa jirtu;
Dargaggootaa Oromoo, sirnaa fi diina farra Oromoo irratti finciluun mirga ummata keessaniinffi falmaa jirtan; Ummata Oromoo, sirna gabrummaa umurii gabaabsuuf qbsoo haqaa gochaa jirtu; Akkasumas firoottan QBO

Baga waggaa haaraa geessan jechaa, waggaan haaraa 2014 bara ummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa irra aanee bilisummaa isaa fi walabummaa biyyaa itti gonfatu akka tahuuf ABOn hawwaaf. Barri haaraa bara diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamu, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahuuf hawwii isaa dabarsa.

ABO ShG fi ABO-QC deebinee kaayyoo tokko, heera tokko, sagantaa siyaasaa tokko, caasaa tokko, hooggana tokko, waraana tokko, tarsiimoo qabsoo tokko, tooftaa tokko, imaammata fi qajeelfama tokko jalatti ABO tokkoomsuuf waligaltee irra geenye Saadaasaa 20, 2012 labsuun keenya waan yadatamu dha. Erga sun tahe kunoo waggaa guuteera.Yeroo kana keessatti deggersaa fi obsi miseensotaa fi ummata keenya irraa argame kan dinqisiifatamuu dha. Hawwii fi fedhiin keenya utuu hin hir’atin, waliigaltee fi tokkummichi akka milkaawuuf tarkaanfiileen fudhataa jirru hanga herregne caalaa yeroo nu gaafatee dhibaawuu mudanneerra. Haa tahu malee
gara xumuraatti dhihaachaa waan jirruuf odeessa hawwamu waldhageessisuuf jiraanna. Akeekni tokkoomuu humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo itti fufee akka fiixa bahuuf ciminaan kan hojjennu tahuu ibsa waliinii (joint statment) kanaan abbootii fi firoottan qabsoo keenyaa maraaf addeessina.

Waggaan keessa turame dhumatee waggaa haaraatti wayta seenamu kan keessa dabran of duubatti mil’atuun akka matayyaa fi walootti kan raawwatame ilaaluun aadaa waan taheef, bara 2013 haala dhaabni keessa ture, haala ummataa fi kan diinaa ilaallatuun karaa taha. Kan dabre irra deebi’anii ilaaliinii, xiinxaluu fi gamaaggamuun jabina ofii tikfataa fi jabeeffataa laafina mul’ate irratti hojjatuuadhan irra aanuuf gargaara.

Guutuu Dhaamsa kanaa:- DhWHD 2014Fin

Leave a comment