FINIINEE FINFINNEE (1991)
GULLALLEETI
Sochii siyaasaa keessatti odeeffannoon bakka ol aanaa qaba. odeeffannon guddaadha , xiqqaadha hin jedhamu. Warri muuxannoo ga’aa qaban akkas jedhu.”ODEEFFANNOON HIN TUFFATAMU, HIN JAJAMU” jedhu.diina mo’achuuf tarkaanfiin jalqabaa odeeffannoo argachuu fi haala odeeffannoo irratti hundaa’uun irratti hojjachuudha. Kana dhalli Oromoo hundi bakka jiru maratti waan of eeggachuu fi shira diinaa kana fashalsee irra aanuuf irratti hojjachuu qaba. Yoo siyaasa keessa hin jirru ta’e illee , waan sabummaa keenya irratti hojjatamu odoo ijaan arganii BIRA taruun yakka. Rakkoo yertuu nu keessa jirruuf jennee, ykn wal dhabbii sadarkaa dhunfaatti wal irraa qabnuuf jennee, Qabsoo obboleyyan keenya itti dhumaa jiranii fi hiraaraa jiran yennaa miidhamu ilaaluun wallaalummaadha. Odeeffannoo walii laachuun lubbu walii oolchuu ta’uu habadhaatii bakka jirtanitti diina mana keenya seenee nu diiguu fi qabsoo keenya kolaasuuf yaalu irraa ofis , ummata keessanis, dhaaba keessanis tiksaa.
Haalli biyya keessa jiru haalaan yaaddeessaadha.Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti waa hedduu argineerra. Haalli sirna wayyaanee dadhabee, ofiin kufutti wayita dhihaatu, dhaabbilee mormitootaa hedduun keessa isaanitti rakkoo ulfaataatu dhalata. Yeroo dhaabbileen kun rakkoo keessa isaaniin tarkaanfachuu dadhaban, wayyaaneen deebitee lubbu horatti. Seenaa kana yeroo hedduu taajjabneerra. Wayyaaneen har’a dhaabbilee mormitootaa addatti ABO irratti shirri gaggeessitu daangaa hin qabu. Angoo isheef kan sodaattu fi irriiba itti dhabduus sochii qabsoo Ummata Oromoo ABOn hogganamuudha. Kana laamsheessuuf waggoota Angoo irra jirtu kana hundaa ifaajjaa jirti. Wayyaaneen har’a ABO dhabamsiisuu akka hin dandeenye akka gaaritti hubattee jirti. Maallaqi ABO dhabamsiisuuf ba’e Biyya tokko ijaara ture yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu miti. Bajati ramadamu kun , Dingadee Biyyaa laaffisuu isaatiin, Maqaa Gooleessummaa jedhuun Addunyaatti hidhatanii itti duuluun har’a daran jabaate itti fufee jira.
Shiroonni wayyaanee ABO irratti gaggeeffaman lakkoofsa hin qaban. Garuu tokko tokkon adda baafamee yk tarrifamee, irratti hojjatamaa jiraachuu akka dansaatti beekna.barruun Biyya keessaa ba’ee warra alaan isini dhaqabe kun, ta’innaa yk ta’u malaa miti . haqadha. nuuti SHIRA wayyaanee akka xaafii ijaa heddummaate kana dandamatee, har’allee wayyaaneef yaaddoo guddaa kana ta’e ABO guddoo dinqisiifanna. Kana jechuun miidhaan irra hin geenye jechuu keenyaa miti. Of eeggachuu dhabuu irraa balaan irra hin geenye jechaas hin jirru.. Garuu har’allee of qulfulleessaa jiraachuu isaa wayita dhageenyu itti gammanna. Qabsoon Adeemsa malee murtee guyyaa tokko miti jennee waan amannuf..yeroo Baayyee dhaabni kun jabaataa wayita dhufu waa tokkotu keessatti dhalata. Kun ammo, shira diinaa dhaabicha keessatti karaa namoota dadhaboo seenu irraa akka ta’e ifaadha. FILANNOO 2015 DURA ABO LAAMSHEESSUU !