Sadaasa 24,2013 Naqamte
Uummatni Oromoo aadaa fi seenaa guddisuuf tattaaffii jabaa taasisaa ture, Wareegama qaqqaalii kaffaluudhaanis aadaa fi seenaa isaa ifa baasuun Oromiyaa keessatti akka lalisu taasisaa jira. Diinni Uummata Oromoo abbaa irreen mootummaa wayyaanee aadaa fi duudhaan Oromoo akka haguugamu, akka badu taasisaa ture ammas ittuma jira. Godina Wallagga bahaa magaala Naqqamtee naannoo laga Hadiyaatti Ayyaanni irreechaa diddaa qeerroo hammachuun ayyaaneffatamee jira. Ayyaana irreechaa kana irratti qeerroon diddaa dhageessisuun walleewwan warraaqsaa hedduumminaan sirbuun mootummaa wayyaanee fi jala deemtota ishee dhiphisee jira. Barattootni Yuunivarsiitii Wallaggaa keessaa baratan yaa’uun walleewwan ” Oromoo maaltu qixxaata, WBO faarsina, walleewwan jedhan sirbuun diina dhiphisanii jiran. Dura dhaabbannaan diinaan gaggeeffamus aadaa keenya guddisuuf humni duuba nu deebisu hoomtuu hin jiru jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa addeessee jira.