Diddaan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessatti itti fufe.

OromiaALutaContinua2011FDGYuunivarsiitii Madda Walaabuu keessattis barattootni gamtaan shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu Qeerroon YMW gabaase.

Haala kanaan Gaaffiiwwan mirgaa fi diddaawwan barattootaa Yuunivarsiitiilee keessatti jabaachuun mootummaa wayyaanee hedduu dhiphisee jira. Haalli kunis daran jabaachuun Yuunivarsiitii Madda walaabuu kampaasii Roobee keessatti diddaan barattootaa dhalatee jira. Barattootni Kampaasii Roobeetti baratan kunneen shira mootummaan wayyaanee gama tajaajilawwan barattootaaf kennamu hanqisuun dhimma siyaasaaf oolchuu irraa of haa qusatu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Diddaa kanaanis barattootni baay’inaan 294 tahan guutummaan gamtaan shira wayyaanee mormuun petition funaanuun mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota irraan gaggeessu haa dhaabu jechuun iyyannoos galchanii jiran.

Haalli kunis jabaachuun barattoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu main campus keessattis dararaan barattoota irraan gahu akka dhaabbatu mallattoon funaanamaa jira.

Leave a comment