Onkoloolessa 23,2013 Finfinnee
Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoon finiinaa ture jabaachuun itti fufee jira. Gaaffiileen mirgaa kan bilisummaa barattoota Oromoo Godina Gujii mana Barumsaa haranfaamaa fi magaala Garjii keessatti finiinuu eegale. Mootummaan wayyaanee duula saamichaa gaggeessaa jiru nurraa haa dhaabu, ilmaan Oromoo bilisummaa barbaadna, Saaminsi warqee gaggeeffamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gamtaan fincila diddaa garbummaa gaggeessuu irratti argamu. Gaaffii wal fakkaataan aanaa Bulee Horaa keessatti finiinuun ibsaan, bishaan guutummaatti tajaajilawwan hawaasaa kanneen jedhaman uummataaf guutumuu qabu jechuun gaaffii mirgaa finiinsaa jiran. Biyya Oromiyaa keessaa maddi ibsaa elektrikii alatti osoo gurguramuu nuyi dukkana keessa hin teenyu jechuun gaaffii finiinsaa jiran. Haalli kunis jabaachuun mootummaan wayyaanee dura dhaabbachuuf humna dafee dhaqqabaa geessuun uummata doorsisaa jira. Ilmaan Oromoo fi barattootni hedduunis mana hidhaatti guuramuu irratti argamu.
Yaa rabi hamma yomi gabromna oromo kiyyaa haa jabanu kaa loludha malee wani biraa hin jiruu dhiro nuu kakasaa bakka dire lolaa nugesaa hala qabso mijesaa hogantoni oromo fi qabsawoni oromo
There is no denying that weyanne need not oromos but their wealth.