QEERROO BISHOOFTUU Irraa
Maaltu itti tollaan ilkaan gadi yaasaa?
qoratamuu qaba maddi gammachuusaa
kan saba dhokote maaluma argattee?
naa gaafadhaa maaloo maalif ilkaan yaastee?
guyyaa yeroo hojii halkan yeroo hiribaa
innoo gadda hin beekuu yeroo hunda sirbaa
mee ka’een si gaaffa maaluma kolfitaa?
maaltu sitti tollaan ilkaan nutti yaastaa?
bara bitaaf mirgaa ollaan wal gargaaru
hacuuccaa saba isaaf onneefatee aaru
mana gaddaa teessee ilkaan nutti yaasta
silaa safuu hin beektu faduula jiraatta
bara dhugaan badee sobni nuun taphatu
bara guyyaa saafaan shirri hedduumatu
bara lammii keetti jireenyi hadhooftu
bara uummati kee gabrummaan jiraatu
bara xiqqaaf guddaan bilisummaaf kaatu
araar,araar jedhee uumaa isaa kadhatu
kan kee kuni maali? maali kan kofaltu?
fala yoo dhabde illee garaan maaf si hin aartu???