Hagayya 13,2013 Finfinnee
Hojii misoomaa fakkeessuun dhimma siyaasaa jabaa kan ittiin gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee inni tokko hidha Abbayyaati.Maqaa hidha Abbayyaan qotee bulaa irraa kaasee maallaqa dirqamaan akka kaffaluu fi diddaawwan garaa garaa turuun isaas ni yaadatama.Yeroo ammaa kanatti hojjetootni hidha abbayyaa guutummaan dabalinsa miindaa gaafachuun mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanee gaaffii keenyaaf deebii hatattamaa hin kennu taanaan tarkaanfii fudhanna jechuun kan beeksisan yoommuu tahu wayyaaneenis deebii kennuu dhabuu irraa hojjettoota drilling machine kanneen tahan 40 guutummaan hojii dhaabuu isaanii beeksisanii jiran.Hojii eegumsaa irratti kanneen hojjetan namoota 87 keessaas hojii nama 10 duwwaan akka seenan beekamee jira.Hojjettootni 2000 ol tahan gaaffiin kun hatattamaan deebiuu qaba jechuun gaaffiin muddaa jiru.Hojiin hidha abbayyaa hojii siyaasaa biyyattii jabaa kan tahe yeroo ammaa diddaa jabaan hojjettoota irraa mudachuu irraa mootummaan wayyaanee rifaatii jabaa keessa seenee jira.Hojjettoota hidha kanaa kanneen tahan rakkoo fayyaaf saaxilamaa turuun isaaniis ni yaadatama.