Hagayya 13,2013 ArbaaMici
Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee barattoota Yuunivarsiitii irratti gaggeessaa jiru hammaachuu irraa har’a Hagayya 13,2013 ganama irraa eegalee barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc Koollejjii fayyaa kampaasii Nacci saar keessaa baratan sirna mootummaa wayyaanee dura gamtaan dhaabbatan,Mootummaan wayyaanee barattoota dhaabbiilee barnootaa keessaa saa barbaade fuudhee hidhee saa barbaade hiikee murtiis barbaade kennuu irraan siyaasa isaa jabeeffachuuf baajata barattootaaf bahe fayyadamuu hin qabu jechuun gamtaan gaaffii dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan itti bobbaasuun gaaffii mirgaa dhaabuu yaalus waraanni gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandau jechuun barattootni gamtaan gaaffii mirgaa finiinsaa jiru.Yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii kanaa waraanaan kan tikfamaa jiru yoommuu tahu mootummaa Wayyaanee bututeef harka hin laannu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc gabaasee jira.