Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)

 

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Gadaa.com

Tarkaanfiin Suukaneessaa Sirni Wayyaanee Godinaa Arsiitti Oromoota Musliima Irratti Fudhate Umrii Sirnichaa Gabaabsa Malee Hin Dheeressu

Sirni faashistii Wayyaanee mormii hawaasni Muslimaa Sagaleen keenya haa dhagahamu mata duree jedhuun waggoota lamaaf walitti aansee karaa nagaan geggeessaa jiru humnaan dhaamsuuf tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufeera. Sambata dabre Hagayya 3, bara 2013 godinaa Arsii magaalota Kofalee fi naannoo isaa keessatti ummata karaa nagaan sagalee mormii dhageessise irratti humni waraanaa sirnichaa dhukaasa banuudhaan namoota kudhan aduu saafaatiin ajjeesuu fi kudhanoota madeessuun miidiyaalee idil addunyaa hedduu irratti gabaafameera. Namoonni dhibbaan lakkaawaman badii tokkoon maleetti guuramanii hidhaman. Hidhaan kun babalatee naannoo biraa illee shororkeessaa jira.

Sirni tarkaanfii gara jabinaa kana fudhate muslimoota karaa nagaadhaan hogganootni keenya hidhaman haa hiikamani, barsiisa amantii Ahbash jedhamu dirqiidhaan hin fudhannu jedhanii morman rukutee callisiisuuf jecha shororkeessitoota ittiin jedhee yakkuu irraa hin dhaabbanne. Dhimma amantii keessa akka fedhe harka naqachuu Wayyaanee waan mormaniif qofa shororkeessitoota kan jedhaman musliimonni biyyattii garuu, tarkaanfii shororkeessummaa sobaan itti yakkaman isaanii fudhatu takkaa hin argamne. Waggaa lama guutuuf mormiin geggeessaa turan karaa nagayaan gaaffii isaanii dhageessifachuu qofa ture. Kanas mootummoonni hedduu fi dhaabonni mirga namoomaa idil addunyaa ragaa bahaa jirani.

Mootummaan Wayyaanee humna sodaatu tokkoon shororkeessaa ittiin jedhee gara jabinaan rukutuun aadaadhuma isaa ti. Jireenya isaa guutuu mormitoota humna isaanii sodaatu, addatti ammoo Adda Bilisummaa Oromootiin shororkeessaa ittiin jechuun addunyaatti lallabachaa yoona gahe. Ammas sirni kun ummata Oromoo irraa hin deebine. Karaa gaaffii siyaasaatiin Oromoo irratti duuluun itti xiqqaannaan dhimma amantii keessaanis Oromoo addatti diinomsatee gara jabinaan rukuchaa jiraachuun isaa beekamuu qaba. Amma duras Onkoloolessa bara 2012 keessa bifuma wal fakkaatuun Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo magaalaa Garbaa keessatti lammiilee Oromoo Muslima sobaan yakkee ajjeesuun isaa yaadannoo yeroo dhihoo ti. Hanga ammaatti tarkaanfiin golgaa amantiitiin ummata nagaa irratti fudhatame hundi isaa Oromiyaa keessa.

Addi Bilisummaa Oromoo tarkaanfii faashistummaa sirni Wayyaane godinaa Arsii keessatti ilmaan Oromoo qulqulluu sobaan yakkee ajjeesuu fi madeessuu fudhate gad jabeessee balaaleffata. Mootummaan farra ummatootaa fi farra amantii ummataa tahe kun yakkoota ajjeechaa hanga ammaatti lammiilee nagaa irratti fudhateefis guyyaa tokko seera duratti kan dhihaachuuf jiru tahuu yaadachiifna. Mootummaan mirgootni amantii kamiiyyuu heera kiyya keessatti kabajamaa dha ofiin jedhu baatii Ramadaanaa keessa dhiiga Muslimoota soomana irra jiranii jigsuu isaatiin sirna abaaramaa fi jibbamaa tahuu isaa caalaatti mirkaneeffate. Amantii ummata bulchaan jira ofiin jedhuuf gonkumaa kan ulfina hin qabne tahuu isaa dirreetti agarsiifate. Mootummaan kun Musliimota karaa nagaan qofa mirga amantii isaanii kabajsiisuuf falmachaa jiran dhiibee gara tarkaanfii humnaatti ceesisuuf dhiibbaan taasisaa jirus umriidhuma aangoo isaa gabaabsa malee hin dheeressu.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 5, bara 2013

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea | Tel 2911 153848 | www.OromoLiberationFront.org

Ibsa ABO ajjeechaa Muslimoota Godinaa Arsii irratti.pdf

Afaan Amaaraan dubbisuuf as tuqi:- OLF Press Release on Arsi Massacre.pdf

10 thoughts on “Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)

  1. Eyyeen nuutii ummaannii musliimmaa huundiin miidhaa waayyaaneen nuurraan geetee kaanaaf kaan hiin jiilbiifaabnee taa.uu nuutii qeerroon muusliimaa gaamaa keenyaan dhaamssa daabaarsiinee jiiraa.akkaa raasuulii (s.a.w)alaamaa jeedhaaniittii naamnii amaantii ofii irraattii jiihaadaa baayee yoo duu.ees jaannaataa,yoo haafees naasii ammaantaa ofii argaa .akkaasuumaas raabbiin raasuulaan (s .a.w)jeedhee issiin namaa lamaa yoo taataan anii saadaafaa keessaanii jeedheen saanii duubiin. kaanaa maalees raabbiin zaaliimmaa hiin baalissaa yoo issaa qaabee akkaa haarkaa hiin baanee duubaatee jiiraa.kaanaaf amaantiin isslaamaa kaan raabbiiti. namaa irraatii saabareetuu jaannaataas naasriis argaataa. yoo saabaaruu baanee ammoo akkaa raasuulii (s. a . w )jeedhaaniitii zaabaanaa boodaa ammaantiin islaamaa akka naamaa ibbiidaa diimaa haarkaattii baatuutii yoo guubaa isaa daadhaabee gaad dhiisee jaalaaa dhaamaa. akkaasuumaas amaantiin keenyaas yoo saabrii dhaabee gaadii dhiisee naammaa jaanaam taa.uu issaatii RAABBIIN WAARRAA JAANNAATAA NUU HAA GOODHUU ASAALAAMU ALLEEYKUM WARRAAHMAATUULLAAHII WAA BAARAAKAATUU

  2. Wanti amma haasa’amaa jiru tokko,Junadin Sado fi jaallewwan isaa waliin osoo biyyaa ba’uutti jiruu magaala kenya Nairobi tti motummaa wayyaaneen ajjeechaan irratti raawwatame kan jedhuudha.wanti kun hagam dhugaadhaWanti amma haasa’amaa jiru tokko,Junadin Sado fi jaallewwan isaa waliin osoo biyyaa ba’uutti jiruu magaala kenya Nairobi tti motummaa wayyaaneen ajjeechaan irratti raawwatame kan jedhuudha.wanti kun hagam dhugaadhaWanti amma haasa’amaa jiru tokko,Junadin Sado fi jaallewwan isaa waliin osoo biyyaa ba’uutti jiruu magaala kenya Nairobi tti motummaa wayyaaneen ajjeechaan irratti raawwatame kan jedhuudha.wanti kun hagam dhugaadhaWanti amma haasa’amaa jiru tokko,Junadin Sado fi jaallewwan isaa waliin osoo biyyaa ba’uutti jiruu magaala kenya Nairobi tti motummaa wayyaaneen ajjeechaan irratti raawwatame kan jedhuudha.wanti kun hagam dhugaadha?

  3. Nagaan koo kan kabaaja bakka jirtaaniiti isin hagahuu sabboontotta ilmaan Oromoo ;yaada xiqoon qaba yoo madaali keessaan kastee naf caqaasa;gaffiin koos anii qabsaa’uf baayeen fedhii guddaan qaba garu wantaan kara hin bekneef WBO tii dabaalamuf hin dandeenye yoo siinif dandaa’ame haala kana akka naf mijjeesitanan isiin gafaadha deebi isaas nan egaadha galatomaa .ABO+WBO!! Sinaan jalaadha naf jiraadha

  4. Akkanuma motummooni wayaane fi jaleen ishee..
    Magaala shambu irratii akkaanuma rebuu fi hidhuudhaan daraara akka turan ni bekaama..

Leave a comment