MIRGA KEENYA IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !

Y.G(2005) Adoolessa 27, 2013

barruuAddunyaa kana irratti , Bilisummaan tolaan argame gonkumaa hin jiru. Hundumtu wareegama qaqqaalii ijoolleen isaanii gara kuteenyaan kaffalaniin Injifannoo gonfatan. Mirgi kan sarbamu abaarsaan miti . humnaanii . dhiiga Ummata gabrummaa jala tursu barbaadan sanii dhangalaasaniiti . Qabeenyaa saamuuf jecha, hammeenya gara jabiinaa dhala namaa irratti hin raawwatamiin irratti raawwatanii nama gabroomsan. Addunyaa kana irratti tokko isa tokko liqimsee jiraachuuf lubbu galaafata. Nama gabroomsuuf falli jiru kana qofaadha. Kan gabroomsuu barbaadan gama hundaan laamshessanii cabsan. Warri bara amma kana nu gabroomsan , siree tolaa irra nu ciibsanii ykn nu kunuunsanii miti kan gabrummaa jala nu jiraachisuuf tattaafatan.

Oromoon ega humnaan cabee kaasee mootootiin Itoophiyaa bulchan, Ummata keenya miliyoona ja’aa ol galaafataniiru. Ummata miliyoonaan lakkaa’amu Biyya abbaa isaa keessaa ari’anii tajaajiltuu warra adii fi kanneen biro taasisaniiru. Hidhaan kan gidirsaa jiran, qe’ee keenya irraa kan buqqisanii jiran, jireenya dararaaf kan saaxilan lakkoofsa hin qabu.addatti har’a Ummata kana gama hundaan rakkoo hawaasummaa keessa galchanii gargar facaasanii isa bituuf hammenya hiriyyaa hin qabneetu irratti raawwatamaa jira. Kun nuun nu cabsuuf filmaata tokko malee kan nu irratti raawwataniidha. Nuutiwoo ??????????gaaffii jabduun kanaaf deebii kennuu qabna. Diinni akkasii nu fuuldura ega jiraate , waan nu eeggatu beeku qabna. Ummati Oromoo gara jabiina barachuu fi hojiin argisiisuu qaba. Yakki yakka hunda caalu nu irratti raawwatamuun kan wal gitu ,qabsoo hadhaawaa gaggeessuun dirqama keenyadha. Kanatti tarkaanfataa jiraachuu hunduu beeku qaba. Addunyaa fi diinatu filmaata kana nu kaa’e.

Oromoon maal gara jabinni diina keenyaa jedhee akka ciilalluu of keessa maratee taa’u yoo jiraate , kan umama isaa irraa rakkoo qabuudha. Har’a sadarkaan irra jirru, jiraachuu ykn dhabamuu , of oolchuu ykn diinaan dhabamuudha. Har’a qabsoon itti jirru kan keessa ilaallatan miti. Lakkii nu dhiisaa jennee yeroo itti himnnus miti. Jiraachuf ammo, waan itti jirru irraa duubatti yoo jenne kan ciraa itti lafa irraa dhabanuudha. Kan funyaan nu hdahe funyaan dhoofnee, kan nu hamate nu hammatinee deebii kan itti kenninuudha. Kun ta’u baannaan, ykn laafannaan diinni sadarkaa nuuti isa dura dhaabbachuu hin dandeenye irra ga’a. Qabsoon oromoo lola harkaan adeemsifamu keessa kan seeneedha.

Diinni keenya kan nyaate deebisee bulgaafachuu isaatiin waan nu dhiphisu hin qabu. Nuuti kan gaafachaa jirruu, Biyya abbaa keenyaati. Halgaan Biyya keessaa fi alaa kan nu gaafachaa jiru, Biyya abbaa keenyadha. Isaan hegaree isaaniitu isaan yaaddeessee , waan nyaatan isaan bulgaafachiisaa jira. Jaallaatanis jibbanis, jireenyi Amahaaraas ta’ee Tigiree , Jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti hundaa’a. kanaaf waan nuun nu dhiphisu hin jiru. Jarri Itoophiyaa Itoophiyaa jedhanii mankaraaran , jechi Itoophiyaa jettu kun haguuggiidha malee, iyyi isaanii jireenyi keenya badee jechaa jiran. Jarri namni maal naan jedhu hin beekne, Hayilasillaasee har’a lubbuun hin jirreef amma dhiphatan, Oromoo har’a lubbuun jiruuf gonkumaa hin dhiphatan. Nuuti garuu , Amaara kaleessaa fi har’aa jennee garaa laafnaaf.

MIRGA KEENYA IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !!!!!.docx

Leave a comment