Qonnaan Bultooti Oromoo Godina Qellem Aanaa Anfilloo Irraa Mana Hidhaa Wayyaanee Jiran

Gabaasa Qeerroo Ona Anfilloo Adoolessa 21,2013
BilisummaaIlmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ona Anfilloo irraa mana hidhaatti guuramaa akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama.Kunis ammallee kan itti fufee jiru yoo tahu yeroo dhiyoodhaa asitti gandoota ona Anfilloo keessaa ganda 11 kan tahan irraa qote bulaa abbaa warraa nama 30 ol hidhamani kan jiran yoo tahu dimshaashatti akka gabaasaan naannicha irraa addeessutti namootni 300 ol tahan mana hidhaa magaala Anfilloo Muggii fi ganda Ashii keessatti hidhamanii jiraachuu isaa gabaasaan yeroodhaa yerootti kan addeessaa jiruudha. Namoota kanneen ganda Dullii jedhamuu fi akkasuma namoota yaraa ganda Ashii fi Garjeeda irraa arganne fuula kana irratti attach tahee kan jiruudha. Ammallee namoota hafan hordofuun Qeerroon ona sanii gabaasaa dhiyeessa.

Godina Qellem Aanaa Anfilloo Gandaa Dullii Irraa Qote

Bultoota Hidhamanii Jiran

Lakk. Maqaa Ganda
1 Qannoo Dhaabaa A/Anfilloo Ganda Dullii
2 Daffaraa Shuumaa ,, ,, ,,
3 Masarat Xintii ,, ,, ,,
4 Dassaaleny Ittaanaa ,, ,, ,,
5 Baqqalaa Damisee ,, ,, ,,

Hidhmtoota Anfilloo.docx

Leave a comment