Uumatni Oromoo Godina Gujii qabeenyaa keenya irratti nutu abbaa dha jechuun Mootummaa Wayyaanee irratti sagalee mormii jabaa dhageessisan

Adoolessa 17,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee lafa ilmaan Oromoo alagootaattii fi jala deemtota isheetti gurguraa fi kennaa uummata Oromoo qeee irraa buqqisaa kan turte mormuun uummatni oromoo Godina Gujii aanaa Sababooruu fi shaakkisoo sagalee mormii dhageessise.Mootummaan Wayyaanee qabeenya uumamaa kan tahe bosona shaakkisoo fi sababooruu keessaa cirsiisuu hin qabu jechuun uummatni sagalee tokkoon diddaa dhageessisee jira.Mootummaan wayyaanee fi bulchinsootni aanaa kanaa uummataaf deebii kennuu kan dhiisan yoommuu tahu,sabni biroon qabeenya keenyatti abbaa hin tahu,nuyi saba biraa jibbinee osoo hin taane qabeenya keenya irratti nutu ajajuu qaba jedhanii jiran.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaa badaa jiruu fi qaalainsa jireenyaa dhufaa jiru mooachuuf wal dorgommii seenee dhimma siyaasaa irraa akka dhaabbatu kan akeekkate Wayyaanee gochaa dabaa dalagaa jira.Uummatni Oromoo godina kanaas sagalee tokkoon diddaa jabaa dhageessisuun mootummaa wayyaanee rifaatii gudaa keessa buusee jira.Qabeenyaa uumamaa badaa jiruuf mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu,Mootummaa wayyaaneef hin ajajamnu jechuunis murtii dhumaa dabarsatanii jiran.

Leave a comment