Adoolessa 15,2013 Finfinnee
Mootummaan wayyaanee umrii isaa guutuu ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa(Maaikelaaawwii) keessatti ukkaamsuun dhiibbaa qaamaa fi namummaa garaa garaa irraan gahaa jiran.QBO uummata Oromoon gaggeeffamu dhaamsuuf mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus qabsoo ilmaan oromoo daran jabeesse malee takkaa duuba deebisee hin beeku.Ilmaan Oromoo
1.Dassee Alamuu kantiibaa magaala Sabbataa kan ture
2.Nuuraddiin Ahmed dargaggoo miseensa ABOti jedhamuun Mieessoo irraa qabame
3.Dargaggoo Baqqalaa Oljirraa Moyaaleetti ati ABOti dabalamuuf deemta jedhamuun kan yakkame
Yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti isin ABO beektu jechuun miidhaan qaamaa fi qorannoo addaa irraan geessifamaa jira.Ilmaan Oromoo kuneenis nuyi oromoo waan taaneef hidhamne malee waan ABO taaneef miti jechuun ifaan gaggeessitoota mootummaa wayyaanee miidhaa ulee fi shira diinaa kamuu osoo hin sodaatiin himaa jiru.