
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 09,2013) Jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa Adoolessa 09 bara 2013 qabsaawota bilisummaa namoota 20 of keessaa baasuudhaan Johansburg irraa ka’anii Pretoria Klinika Medic jedhamutti argamuudhaan Prezidantii A/Kibbaa duraanii bakka dhukkubsatee ciisutti gaafatuudhaan gadda itti dhagehamte ibsanii fayyanii akka bahaniis hawwii isaanii ibsanii jiru.
Sirna kanarratti hariiroo qabsoo tan Madibaa fi Jeneral Taddasaa jidduu turte ibsuudhaan, suuraa isaan lamaanii, ilillii fi alaabaalee teenyaa fi tan isaanii qabatuudhaan bakka sanitti erga argamaniin booda Alaabaalee fi hidhaa ilillii namoonni lama jila kana keessaa bakka sana kaayuudhaan gara mana isaanii dacha’anii jiru.
Bakka dhaqame sanatti miseensota ABO keessa nami tokkoo fi namni dhaloota K/Afrikaa tahe tokko ibsa barbaachisu warra naannotti argamuu fi gaazexootaaf ibsa gabaabaa kennanii jiru.
Qabsoo cunqurfamtooti gaggeessan keessaa bu’aa bahii fi wareega qaqqaalii kafaluun kibbi Afrikaa nagaa fi tasgabbii akkasumas abbaa biyyummaa mirkaneeffatanii jiru,ummani Oromoo cunqursaa irra jiru if irraa darbee saba isaa bilisoomsee biyya walaboomsuun Oromiyaa dhugoomsuuf jecha qabsoon amma illee ABO n deemaa akka jiru beekamaa dha.
Madda oduu ABO irra.