Adoolessa 10,2013,Haromayaa
Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti kan argamu mooraan Yuunivarsiitii Haramaayaa bulchinsoota ilmaan habashaan yeroo dheeraaf gaggeeffamaa kan turee fi uummata naannoo fi ilmaan oromoo hojjetootas tahe barattoota irratti dhiibbaa jabaa gaggeessaa ture.Keessumaa nafxanyaa jabummaan Yuunivarsiitii kana keessatti ilmaan Oromoo gurguraa fi naachisaa kan ture Prof.Balaay Kaasaa yoommuu jijjiiramutti seerri inni wixinee dhiibbaa gaggeessuuf lafa kaawwate jala deemtotni isaa galmaan gahuu qaba jechuun yeroo ammaa hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo keessumaa ammoo addatti dafqaan bultummaan hojjetan 150 hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Pirezedaantiin haaraan Yuunivarsiitichaas dhiibbaa Wayyaaneen dhufe fudhachuuf kan dirqamame yoommuu tahu seera BPR galmaan geessisna jedhamuun hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo tahan 150 ol hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Isaan keessaa
1. Obbo Ahmed Jaalee
2. Obbo Abdulaziiz Ahmed
3. Obbo Fuyaad Ibraahim
4. Obbo Abdii (Waardiyaa yuunivarsiitichaa
5. Obbo Ahmed Mohaammed hojii walii gala
Kanneen tahan keessatti argamu.Yeroo ammaa kanas hojjetootni hojii irraa ariiaman mormii jabaa kan kaasan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee doorsisaan dura dhaabbachuuf yaalii jabaa taasisuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu taasisu diddaa garbummaa falmachuu irraa duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitichaa fi naannoo ishee gabaasee jira.
Pingback: Hojjetooti Lammii Oromoo Ta’an 150 Yuunivarsiitii Haramaayaa Irraa Ari’amuun Beekame - Ayyaantuu News Online
Pingback: Hojjetooti Lammii Oromoo Ta’an 150Yuunivarsiitii Haramaayaa Irraa Ari’amuun Beekame | Fighting for Freedom and Equality