Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee
Waxabajjii 13/2013
Dur, yoon daa’ima ture, ijoolleen dhiiraa arfaasaa laga, lafa ciraa deemanii gogorrii ykn. sololaa adamsu. Gogorrii ykn. sololaan kiyyoon qabanii galan “ ….alaa sagalee warraa ishee yoo dhageessee baduu yaaddi, nihuuqqatti.” Waan jedhamuuf hanga guyyaan qalmaa gahutti xaafii hammaaranii gurra isheetti naqu – Akka isheen sagalee dhugaa, qooqa fira ishee hindhageenyee gurra duuchanii, raatessanii haaduuf qopheessuudha akeekni isaa. Kun yaaddannoo ijoollummaati. Ittigala dubbii kanaa arguuf waliin haa turru!
Bitoottessa, 2003 murna guddina sabboonummaa Oromootti garmalee hinaafu tokkotu harka lafa jalaatiin walitti dhaamee, hasaasee dhoksaatti wal waamee, Finfinnee bakka ‘galma lotorii biyyoolessaa’ jedhamu keessatti sadoof wal gahe. Sadoon murna kanaa sabboonnummaa Oromoo dura dhaabbachuuf humna dabalataa horachuu akeekkatta. Akumma kanaan, sabboonummaa Oromoo yunbarsiitiifi dhaabbilee barnootaa heddu keessatti dagaagaa dhufe dura dhaabachuu dhimma dursaa godhatee barattoota dhalootaan Habashaa ta’an [ilmaan Amaaraafi Tigree] dhoksaatti walitti qabachuu karoorfate. Guyyaan gahee, namoonni dhoksaan waamaman qofa osoo hintaane warri hineegamnes wal gahee barii galmicha guute. Namoonni Prf. Masfin W/M fi Dr.Biraanuu Naggaa jedhaman mataa murna kanaa ta’uun fuulleetti yoo bahan, jaarmiyaaleen isaan oogganan [Ethiopian Human Rights Council -EHRCO, Ethiopian
Economic Association – EEC] fi Profeesaroonni Olaantummaa Amaaraa leellisan harka lafa jalaan dubbii kana tumsu. Asirratti wanti hubatamuu qabu guyyichi guyyaa akeeka Oromomiyaa keessatti, Oromoorratti duuluuf qaban jabeeffatan waan ta’eef barattoota Oromoo dabalatee warri kibbaa biyyattiirraa dhufan waamicha kanatti akka hirmaatan hinbarbaadamu. Akka yaadan hintaane malee.