Caamsaa 24,2013 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee erga aangootti ol bahee ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun bittaa umrii isaa dheereffachaa hara gahe.Yeroo ammaa kanas duula Julmaan mana hidhaatti guuruu itti fufee jira.Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti ukkaamsaman isin miseensota ABOti jedhamuun dhiibbaan garaa garaa irraan gahaa kan jiru yoommuu tahu,torbaan kana keessa duwwaa ilmaan Oromoo 80 ol mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru.Kanneen keessaa
1. Tesfaayee Lamuu
2. Obbo Dassaalee Alamuu dhimma nageenyaa sabbataa ganda 04
3. Obbo Shaasoo Iddoosaa Buraayyuu irraa
4. Obbo Birraa Margaa
5. Addisuu Karrayyuu/Wallisaa/
6. Barataa Leellisaa Gammachuu yuunivarsiitii Arbaminc irraa
Keessatti argamu.Ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun mootummaa Wayyaanee daran jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu QBO fuuldura tarkaanfachiisa malee duuba akka hin deebisne Qeerroon gamtaan addeessina.
Pingback: Impaayera Itoophiyaa Keessatti Hidhaan Jumlaa Bal’inaan Eegale | Fighting for Freedom and Equality