Caamsaa 21,2013 Coomman
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiran isin miseensota ABOti,Rifeensa keessan kan guddistan ilaalcha ABO qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsuu eegale.Dargaggootni Oromoo
1. Tashaalee Addunyaa
2. Abbushee Oljirraa
Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti sababa kanaan kan ukkaamsaman yoommuu tahu,uummatni oromoo godina kanaa wal gahii mootummaa wayyaanee lagachuun diddaa jabaa agarsiisaa jira.Haaluma kanaan wal qabachuun diddaan hojjettoota waarshaa sukkaara Fincaaaa keessatti daran jabaachuun gaaffiileen mirgaa hanga deebian hojii hin seennu jechuun hojjettootni diddaa agarsiisaa jiran.Mootummaan wayyaanee bittaa umrii isaa hidhaa fi ajjeechaan akkasumas doorsisaan dheereffachaa kan jiru yoommuu tahu,gaaffiin mirgaa finiinaa jiru hanga akeekni galiin dhaqqabdu akka hin dhaabbanne qeerroon addeessa.