Ummaanni Aanaa Anfilloo Humna Wayyaanee Waliin Wal Qabaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Caamsaa 09,2013 Dambi Dolloo
Armaan dura mootummaan wayyaanee humna ABOtu jira jedhuun naannolee Qellem keessattuu aanaa Anafilloo irratti bobbaasaa jiraachuun isaa beekamaadha. Haala kana qeerroon yeroodhaa gara yerootti gabaasaa turuun ni yaadatama.Akka gabaasaa dabalataa dhimma nageenyaa magaalaa Dambi Doolloo irraa dabalata addeessutti Caamsaa 5,2013 aanaa Anfilloo ganda Yattii hanga Gambeelaa gidduutti humni WBO humna gudddaan sosso’u argamee jiraachuu isaatiin,amma shakkii uummataa fi dargaggota gandichaa shakkuu irraan ergamtoota Wayyaanee kanneen tika ta’an qaama federaalaa irraa sakatta’a sababa jedhuun gara naannichaatti bobbaasuun beekamee jira.
Humni waraanaa fi tikaa ergaman kun humni WBO ummata keessa galee ummata ijaaruu dandaya jechuun humna waraanaa of duubaan hiriirsuun ona Anfilloo irratti babbaasaa jiraachuu mootummaa Wayyaanee ummata naannichaa dorsisaa fi hiraaraa jiraachuu gabaasi Qeerroo ona Anfilloo irraa addeessa. Ummanni Oromoo naannichaas gochaa Wayyaanee baroota 21 oliif naannicha irratti geessisaa jirtu kana hifachuu irraa kan ka’e balaaleffannaa isaanii cimisuun akka diddaa muldhisaa jiran gabbaasi dabalataa addeessa.

Leave a comment