HUNDA DURA,BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!

Y.G. (2005)*

barruuNamni ykn humni yk Biyyi tokko , Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko , gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee , ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.

Biyyoonni gurguddanne jedhanii Addunyaa kana akka fedha isaanii hammacaa jiran hundi, Mata duree kana ejjannaa isaanii taasifatanii ,badhaaftootaa fi hundeessitoota Dimokiraasii of taasisan, ejjannaan isaanii kun isa kaan keessa akka hin jiraanneef irratti hojjatan. Biyyaa fi Ummata isaanii har’aa mitii, isa waggaa 200 booda dhufaniif jecha, isa kaan hiyyummaa fi sirna wal nyaachuu keessa akka jiraatan taasisu. Isaaniif sabni ykn dhaabni ykn Biyyi ejjannoo kana qabu, saamichaa fi ol aantummaa isaaniif yaaddoooodha waaaannn jedhaniif bara lakkaawwatanis haa ta’u irratti duulan. Adeemsa kana kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Adeemsi kun garuu kaleessa fageenyaan qabsoo keenya irrati baawuzaa ibsee nu tu’ataa turee, har’a ofitti nu makatee nu dhamaasuuf jedhaatii of eeggachuun gaariidhaa, Qabsoon Maanguddoonni keenya cichoomiinaan asiin ga’an kan har’aaf bu’uraa, inni har’aa ammo isa boriif hundeedhaa, inni borii isa hegareef firiidhaatii waan fageessinee ilaaluu qabnu har’a mata duree kana jalatti waliif dhaamuun dansaa ta’aa jedhee yaade.

HUNDA DURA , BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!.docx

Leave a comment