Ebla 16,2013 Finfinnee
Ebla 15 Guyyaa Gootota oromoo sababeeffachuun waraqaa;eem dhaadannoo hedduumminaan Yuunivarsiitiilee fi magaalawwan Oromiyaa keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo loogoo qeerroon kuulamanii fi diimaa magariisa diimaan barreeffaman hedduumminaan maxxanfamuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa seensisee jira.Waraqaaleen kunneen magaala Finfinnee yuunivarsiitii Finfinnee,Kotobee,Koollejjiiwwanii fi bakkeewwan bulchinsaatti ifaan maxxanfamanii jiran.Magaala Amboo,Magaala Naqqamtee, Yuunivarsiitii Amboo fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa,Sabbataa,Hoolotaa,Dirree Dawaa,Adaamaa,Jimmaa fi Harar keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!
2. Ebli 15 guyyaa gootota oromooti!!
3. Gantuuf harka hin laannu!
4. Mootummaan wayyaanee garboomfataa fi abbaa irree dha!
5. Qeerroo walabummaa Oromiyaaf kai!
6. Ilmaan oromoo ajjeesuun haa dhaabbatu!
7. Oromia shall be free
8. Qeerroon bilisummaa Oromiyaaf wareegama nurraa eegamu kamuu ni baana!
9. ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromooti!
10. WBOn gaachana ilmaan oromooti!!
Kanneen jedhanii fi kanneen biroon magaalaa fi dhaabbiilee barnootaa akkasumas bulchinsa mootummaa wayyaaneen bixxilaman fuulduratti maxxanfamuun mootummaa garboomfataa wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee naannoo waraqaaleen maxxanfamanitti sakattainsa boorsaa fi waan namni qabatee deemu gaggeessaa jira.Bulchinsoota naannoo waraqaaleen kun itti maxxanfaman wayyaaneen osoo isin maal hojjettanii ABO nu dhuunfata jechuun qorannoo eegalee jira.
Nuti ilmaan oromoo durumaa kaanee dhumaa jirra ammas kunoo barnoota xumurree digrii baannee joonja’aa jirra erga fulbaana hanga hammaatti nutis wayyaanee faana lolaa jirra mirga keenyaa dubbannee mana hidhaatti dhumaa jirra itti barre waan ta’eef ammas qabsoonkeenya ittuma fufa isinis jabaadhaa yaa dargaggoo.magaalaa walisoorraa