Filannoo dharaa Impaayera Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuun irbuu uummataaf seename cabsuudha jechuun Sochiin Bilisummaa Sidaamaa(Sidama Liberation Movement)(Sidaamu Wolaphote millimillo) filannoo irratti akka hin hirmaanne ifaan beeksisuun filannoo keessaa bahuu beeksisee jira.Mootummaan wayyaanees kutannaa ilmaan Sidaamaa kanaan kan baarage dargaggoota Sidaamaa yeroo ammaa Godina sidaamaa keessa naannawuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Diddaa jabaan dargaggoota Sidaamaa irraa mootummaa wayyaanees kan dhaqqabe yoommuu tahu ilmaan Sidaamaa mana hidhaatti ukkaamsan isin Sochii Bilisummaa Sidaamaa akka filannoo keessaa kan bahu kan gootan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) waliin walitti hidhachuun jechuun reebichaan hiraarsaa jiran.Yeroo ammaa kanatti ilmaan Sidaamaa hedduumminaan mana hidhaatti kan guuraman yoommuu tahu isaan keessaa
1. Obbo Laggasee Laakamoo
2. Obbo Wosharaa Agalaa
3. Obbo Damissee Daasaa
4. Dargaggoo Nuuraddiin Maatamoo
5. Dargaggoo Unuunaa Arusaa
6. Dargaggoo Dastaa Dukkoo
7. Obbo Qooqii Laaqibbee
8. Obbo Shaallamoo Bookkaa
9. Dargaggoo Shumbulloo Marraasaa
10. Obbo Baqqalee Bakkalloo
11. Dargaggoo Taaddalee Hooshee
12. Obbo Lammaa Buxxaashoo
13. Obbo Laallasee Maggaanee
14. Dargaggoo Tasfaayee Taammiruu
15. Obbo Amaare Taaddesee
16. Dargaggoo Birhaanuu Kiflee
Jedhaman aanaa Buursaa irraa funaanamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsanii jiran.Obbo Laggasee Lakaamoo irratti murtiin dabaa hatattamaa hidhaa ji’a 6 fi qarshii 500 kan itti murteeffame yoommuu tahu Obbo Woshaaraa Agalaa irratti ammoo murtiin dabaa ji’a afurii fi qarshii 500 murteeffamee jira.Mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kanneen ukkaamsamanis yeroo ammaa qorannoo fi reebichaan gidiraa keessatti argamu.Mootummaan wayyaanee filannoo dharaa gaggeessuun dimokiraatawaa tahuu isaa fakkeessuuf kan socho’u yoommuu dura akka dhaabbatan Koreen gamtaa Qeerroo fi Dargaggoo Sidaamaa ayyaana GGO irratti marii taasiseen lafa keewwatee jira.
