Ebla 15,2013 Jimmaa
Bifa Addaa fi haala ajaa’ibsiisaa ta’een Guyyaa Goototaa Oromoo (GGO) Kabajatan, Jalbultii Ebla 15 Goototni Ilmaan Oromoo Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 13/2013 fi Ebla 14/2013 Galgala Barreeffamotaa Suuraawwaan Goototaa Oromoo of irraa qabuu fi Dhaamsaa Goototaa Oromoo Qabatee Magaalaa Jimmaa Fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Maxxaansuun guyyaan kun uummaata birattii sirnaan kabajamee akkaa oluu taasisuun ofiifis Guyyaa kanaa Sabboontootni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee barnotaa garaagaraa baratan barnotaa dhaabuun Rakkoo Siyaasaa fi Waanjoo Garbummaa Ummataa keenyaa irraattii fe’amee jiruu FDG jabeessiinee itti fufuun, qabsoo dhiigaa fi lafee goototaa keenyaan gadi dhaabbamtee; ni jajjaabeessiina, Imaanaa goototaa keenyaa galmaan ni geenyaa, Goototni Oromoo Nuti gargar hin baanuu jechuun boollaa tokkootti wareegamaanii nutis Biyyi keenyaa Oromiyaa, Sabni keenyaa Ummaata Oromoo Kaayyoon keenyaa Bilisummaa fi walabummaa Jechuun FDG jaabeessaanii ittii fufuu murteeffaatan,
Goototni Ilmaan Oromoo Kaleessaa Bilisummaa Ummataa Keenyaa fi Walabummaa Biyyaa kiyyaa Oromiyaaf dhiigaa isaanii dhangalaasuun lafee isaanii itti cabsuunii fi Lubbuu isaa nuf wareegan ni yaadanna. Fajjii isaaniis ni kaafnaa, Kaayyoo Goototaa keenyaa galmaan ga’uuf yoomiyyuu kutaannoo fi murannoon ni qabsofna,
Sochiin warraaqsaa Baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa garaa yeroottii jabaachaa kan dhufee, warraaqsii qeerroon baratootni Oromoo gaggeessaan guyyaa har’aa sababa Yaadannoo Goototaa Oromoon walqabatee Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchitootni Moorichaa muddaamaa cimaa keessaa seenaanii jiraachuun hubatame jira, Mootummaan Abbaa Irree Waayyaanee guyyaa har’aas Mooraalee Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, Mooraa Qonnaa, fi Saayinsii fi Teekinoloojii humanotaa poolisaa fi basastotaa isaa galchuun egsiisaa olee,ajajaan Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaalid Abbaa Tamaam goototaa baratoota Oromoo ID isaanii fudhuun doorsiisaa Olee, baratootni haala kanaan doorsifamaa olaan:
1ffaa Barataa Getaachoo Darajjee mummee barnotaa Governance waggaa 2ffaa fi
2ffaa barataa Cimsaa Abdiisaa barataa Injiineeriigii waggaa 3ffaa
Ta’uun yeroo beekamu. Barattoota kana irratti ammo sobaan kan raga bahe basaasa Wayyaanee kan ta’e Barataa Badhaasaa Firirjaa jedhamu ta’uu qeerroon gabaasa.