Jala Bultiin Guyyaa Gootota Oromoo Qeellam Wallagga Keessatti Kabajame

Gabaasaa godina Qellem irraa addeessuun guyyaa gootota oromoo jala bultii isaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Oliiqaa Dingilitti gootota Oromoo darban faarsuun qabsaa’ota darban wal yaadachiisaa turaniiru.
Keessattuu qabsaa’ota darban kan akka Eebbisaa Addunyaa akkana jedhuun wal yaadachiisuu isaanii gabaasaan nuun gahanii jiru.
…..Eebbisa Addunyaa seenaan si yaadata Uummanni Oromoo yoom si irraanfataa Iimaanaakee eenyutu dagataa? jedhuun galgala keesaa sa’a 5:00 irraa kaasanii manicha barumsaa keessatti waraqaa adda addaa maxxansuun Gootota Keenya Darban Haa Yaadannu! jechaa mooraa keessa dubgoo qabsiisanii kabajaa ayyaana gama isaaniitin akka eegalan nuuf dhaamanii jiru. Akkasuma walaloo kanaan gadii miidiyaa irratti nuuf dhiyaatu jedhuun dhaammatanii jiru.                   

WBO Leecha Oromoo (Walaloo dhihaate)

           Ilmoon leencaa leenca leenci maal sodaata.

                               Jagni ija abiddaa saafaa keessa kaata.

                               Du’aa raqa miti fayyaa qabee nyaata.

                               Sanyii isaatti boonee bilisaan jiraata.

                               Kan du’a sodaatee qabsoorraa hin deebine sanyii warra gootaa.

                               Nutis kan abdannu biyyaaf kan dhaabatu qabna dargaggota.

 Dadaa lafaa kutee humna gaara ba’u.

 Jagna lubbuu laatee lammisaaf dhama’u.

 Hawwiin hadhaa kuusee kan isaan malaatu.

 kan nurraa qolatu keenyaaf kan wal haatu.

 Kan garaatti baannee hawwiidhaan kajeellu.

 kottaa dargaggootaa qabsootti haa qajeellu.

 Lollee injifachuuf galtuu haa aleellu.

 Kana gochuu baannaan baraan hin qajeellu.

 Keessummaa olgaluuf gola nugaafatu.

 Isa lafee nyaatee dhiiga lolaafatu.

 Keenyaaf maree taa’ee karoora baafatu.

 Nama boriif ta’u goota galaafatu.

 N u gogiirra dhaabee ofii lolaafatu.

 Gurmuun yoo waltaane hadhaa malaafanna.

Dubbiis dhoksaan qabnee galtu galaafanna.

    Ormaaf mana dhiifnee maaf keessaa baqanna.

Maaf addaan fagaachuuf karoora baafanna.

 Godiinaan walqoonnee lagaan adda baasuu.

 Iccitii iriyyaa alagaatti asaasuu.

 Nama boriif ta’u arrabaan kolaasuu.

Hameedhaan walnyaannee maqaa wal qoraasuu.

Jabaan dargaggoodha kan kana hundeedhaan nukeessaa calaasu.

      Teenyee hidhii xuuxuu kan kaleessaaf gaabbii .

                                         Maaliif garba taana alagaadhaaf yaabbii.

mataashee dhokfatti qocaan abshaalummaa.

Nu tokkummaa dhabuun madda wallaalummaa.

Mee tokkummaa uumna galii bilisummaa(2x)

Leave a comment