Ebla 15,2015 Finfinnee
Uummatni Oromoo dhiibbaa mootummaa abbaa irreen gaggeeffamaa jiruun wal qabatee qeee irraa buqqaaa,hidhamaa fi ajjeefamaa turuun isaa beekamaa dha.Qaalainsa jireenyaa dhiibbaa malaammaltummaa fi rakkoo siyaasa fi dinagdee waliin wal qabatee maqaa qubannaa jedhuun mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisaa ammas itti jiraachuun beekamaa dha.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaan badhaatuu biyyaa irra osoo jiruu mootummaa saba bicuun qeee irraa buqqifamuu irraan darbee bakkeewwan qubatan irratti dhiibbaan haamilee fi rakkoowwan garaa garaa irra garaa irraan gahaa jira.Haalli kunis ilmaan oromoo Godina Harargee bahaa fi lixaa irratti hedduumminaan kan hammaate Godina Gujii aanaa Shaakkisoo ganda Walaabuu keessatti ilmaan Oromoo 2000 ol tahan rakkisuu irratti argama.Ilmaan oromoo naannoo kanatti mootummaa wayyaaneen sobamuun maqaa misoomaan naannoo kanatti akka qubatan taasifaman yeroo ammaa milishoota mootummaa wayyaaneen reebamaa jiru.Ilmaan oromoo naannoo kanatti qubsiifaman rakkoo fayyaa irraan darbee milishoota mootummaa wayyaaneen ajaja hin fudhattaniin rakkamuu irratti argamu.Gaaffiiwwan mirgaa gaafataniifis akka shororkeessaatti ilaalamaa kan jiran yoommuu tahu dhiibbaan mirga namummaa jabaan garboomfataan irratti gahaa jira.