Ebla 15,2013
Dhiibbaan mootummaa wayyaanee uummata Impaayera Itoophiyaa irratti gaggeessaa jiru haalaan jabaatee jira.Haaluma kanaan wal qabatees naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Suugee keessatti miindaan barsiisota 197 irraa cituun barsiisotni qaalainsa jireenyaan wal qabatee rakkoof saaxilamanii jiran.Aanaa kana keessatti barsiisotni sadarkaa digirii qaban 45 kan Dippiloomaa 122 kan certificate ammoo 30 kanneen tahan rakkina kanaaf saaxilamanii jiran.Mootummaan wayyaanee barsiisota aanaa kanaa buqqauu uummata naannoo kanaan wal qabatee hojii hin hojjenne jechuun miindaa irraa kutanii jiran.
Naannooma kana keessatti uummata qeee buqqisuun haalaan hammaachaa kan dhufe yoommuu tahu ilmaan oromoo hojiidhaan naannoo kana keessa jiraataan isin ABO deeggartu odeeffatas dabarsitu jedhamuun mana hidhaatti ukkaamsamaa jiru.Ilmaan oromoo
1. Taammiruu Tolaa fi
2. Dirribaa Magarsaa
Jedhaman namoota doorsifaman keessatti argamu.Mootummaan bittaa umrii isaatti sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaaf mirga kan hin eegne yoommuu tahu ilmaan oromoo addatti mana hidhaatti guuraa fi qeee buqqisuun bittaa umrii isaa dheeressuuf tattaafachaa jiru irratti yoomuu qeerroon akka hin jilbeeffanneef qeerroon gabaasa isaa waliin addeessee jira.