Gabaasa Ebla 5,2013 Mattuu
Godina Iluu Abbaa Booraatti Uummaannii Oromoo Ololaa maqaa siyaasaa dahoo godhatee, guyyaa dhalotaa OPDO waggaa 23ffaa kabajna jechuun OPDO’n uummataa gandootaa garaagaraa irraatti teessisuuf yaaliin godhamaa jiruu mormii uummataan fashaala’aa jira.
Ummaannis Siyaasaa Wayyaaneen karaa dhabaa jalee ishee OPDO ololaa jirtuu balaaleeffaachuun walga’ii Wayyaanonnii Aanaawwaan, akka Mattuu, Buree, Hurrummuu, Dhidheessaa, Cooraa, fi Baddaallee, kanneen jedhamaan keessaatti walga’ii dabbaalonnii gandotaa aanota kanneen irraatti gaggeessaa jirtuu irraatti Uuummaannii mormii kaasuun gaffiiwwaan mirgaa kaasuun biyyaa mirgii amantaa ,siyaasaa, mirgi ilma namaa fi Dimookiraasiin hin jirree keessaatti ofuumaa maqaa filaannootiin daldaluun olee bulee bu’aan isaa kufaatiidha jechuun Uuummaannii yaada kaasee walga’ii keessaan hin teenyuu duraa gaaffii mirgaa nuf deebisaa jechuun walga’ii OPDO mormuun ka’ani.
Ergamtootni diinaa OPDO’n sochii uummataa kanattii rifaachuun uummataan ilaalchaa ABOtu isin keessaa jira, isiin keessaas eenyuu ABO akka ta’ee ni beekna jechuun uummataa dorsiisaa jiraachuun beekame.
Haala kanaan ummanni ABO ta’uu keenyatti ni boonna,mirga Oromoof kan falmuun eenyummaa keenya ibsa malee kan nu farroomisu miti jechuun walgahii irraa guututti lagachuun gabaafame.