Bitootessa 28,2013 Finfinnee
Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessattis finiinuun mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa naqe.Magaala Finfinnee keessatti barattootni mana barumsaa Madaalam qophaa’ina baratan mormii mootummaa wayyaanee irratti kaasanii jiran.Bulchinsa abbaa irrummaa mootummaan wayyaanee diriirseen dhiibbaan nurra gahaa jiru haa dhaabbatu,mirgi barattootaa haa kabajamu,arrabsamuun haa dhaabbatu jechuun barattootni gamtaan balbala mana barumsaa irratti walitti qabamuun sagalee diddaa dhageessisanii jiran.Uummatnis rakkoo keenya nuuf akka hubatu jechuun karaa mana barumsaa kana bira dabarsu cufuun diddaa isaanii bifa qindaa’een dhageessisanii jiran.Itti gaafatamaan mana barumsaa kanaa dhalootaan Tigiree tahe barsiisaa Silashii kan jedhamu mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun dhiibbaa gaggeessu dhaabuu qaba jechuun barsiisotni mana barumsaa kanaas diddaa barattootaa deeggaranii jiran.Sababa gaaffii miindaan diddaan mana barumsaa kana keessatti dhalate Impaayera biyyattii guutummaan dhaqqabuun isaas ni yaadatama jechuun qeerroon mana barumsaa kanaa gabaasee jira.