Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diddaan uummataa itti fufe

Bitootessa 28,2013 Gindebarat

Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diddaan uummataa jabaachaa dhufuun uummatni walgahii mootummaa wayyaanee guutummaan lagatee jira.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti maqaa filannoo jedhuun uummata irratti siyaasa mataa isaa deemsisaa kan jiru uummatni si hin dhageenyu jechuun wal gahii lagatee jira.Mootummaan wayyaanees aanaa kana keessatti miseensa about jira jechuun uummata hidhuu fi dararuu kan itti fufe yoommuu tahu ilmaan oromoo

1. Dhaabaa Dheeressaa fi

2. Caalaa

Jedhaman uummatni akka wal gahii hin baane kan qindeessu isini jedhaamuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsanii jiran.Mootummaan wayyaanee sirna abbaa irrummaa osoo gaggeessaa jiruu sirna Dimokiraasiin gaggeessaan fudhatama akka hin qabnee fi uummata keessa akka hin bittinnoone guutummaan akka dura dhaabbatan qeerroon ona Abuunaa Gindabarat,Calliyaa fi Midaaqeny gabaasee jira.

Leave a comment