Walaloo Qeerroo Dimokiraasii dharaa kan warra dhaadiyoo Kan diinni hundeesse Sabatti gaadiyoo Kan dubbatan televizsiinii kan mul’atu raadiyoo Kan siif manaa ba’e adda baasi yaa qomoo Kan Uummataaf falmu Adda Bilisummaa Oromoo.WBO ta’uu miti maqaa dhawuuf yakkamnee Farra nageenyaa shororkeessaa jedhamnee Hedduun reebamnee gariin ajjeefamnee Rakkoo keenya ibsuun Addunyaatti iyyannee Deebii arganna jennee baay’ee gagammannee Osoo murtee eegnuu lafarraa duguugamnee.Uu_uu jedhee iyyus maaltu isaaf birmataa? Gaaffii Uummataatiif eentu deebii laataa? Kan kaayyoof manaa ba’es gargar wal qircata Mee akkam jettu, maaltu ta’aa furmaata? Rakkoon jiru kamuu jaarsumaan hiikkata Keessan hiikoo dhabee maaf lafarra dheerataa? Dafaa deebii kennaa Uummanni isin eeggata.
Kaayyoo sabaa gatee dantaasaaf kan kaatu Dhaaba keessa galee diiguuf kan dhaadatu Qabsoon dantaaf taanan maaf biyyaa baatu? Dhiigni Ilmaan Oromootaa isin dura hin dhaabatuu? Rakkoon jiru hinduu Jaarsan yaa hiikkatu Martinuu wal ta’ee tokkummaan akka jabaatu Firiin wareegamtootaa akka ifa baatu. Hunduu dhiphuudha furmaata maal qabnaa? Kan keessaamoo kan alaa eenyumaan abdannaa? Rakkoorratti rakkoo barumaan ida’annaa Gabrummaan golgamnee hanga yoom jiraannaa? Qaama kamuu hin eegnu dirqama qixa qabna Bilisa taanee jiraachuu har’a murteeffanna! Sun ta’uu baannan dhumnee lafarraa duguugamna.
Maaloo yaa Rabbi, mee araara buusi Kanneen wal dhaban walitti nuuf araarsi Dhugaa awwaalamta boolla keessaa baasi Du’aaf jireenya jidduu, jirra gar tokkotti nu baasi!
|
Pingback: Diina Irraa Mirga Hin Eeggatan | Oromo Freedom News and Views