Barsiisota,Hojjettootaa fi uummata Impaayera Biyyattii maraaf!
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sirna bulchinsaa abbaa irrummaa irraan darbee bulchinsa firummaa irratti hundaae gaggeessaa kan jiru tahuun isaa beekamaa dha.Dhalattootni firoottan bulchinsoota mootummaa wayyaanee aangoo irratti ol bahuun malaammaltummaa fi saaminsaan qabeenya biyyattii saamaa jiru.Uummatni biyyattii keessumaa ammoo addatti ilmaan oromoo hidhamaa,ajjeefamaa fi biyya irraa ariiamaa kan turan amma daran jabaatee jira.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa,loogiin,qaalainsi jireenyaa haala yeroo kamuu ol jabaachuun uummata biyyattii rakkisaa jira.Kanaf nuyis barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa ilmaan oromoo ilmaan sabawwan cunqurfamoo qabachuun gumaata QBO keeessatti nurraa eegamu kaffaluuf kaanee jirra.Kanaaf ilmaan oromoo marti,Ilmaan sabawwan cunqurfamoo keessaatii alatti gaaffii mirgaa qeerroodhaan finiinaa jiru cinaa dhaabbachuun gumaata lammummaa akka baatan kabajaan waamicha oromummaa dabarfanna.
Garboomfataan ni kufa!!
Bilisummaan ni dhufa!!
Waan dhugaati kan biyya kessa jiruudha. Jajjabaadhaitti fufa.
Waan dhugaati kan biyya kessa jiruudha. Jajjabaadhaitti fufa. Isindeegarra,isinbira jirra.