Diddaan Barsiisota Yuuniversitii Dirree Daawaa Kaasan Itti Fufe

Bitootessa 18,2013 Dirree Daawaa

Diddaan barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti itti fufuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Faculty Engineering and Technology barsiisan barsiisota mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mara hammachuun diddaa hojii dhaabuu itti fufan.

Mootummaan Wayyaanee waadaa galee fi gaaffiilee mirgaa gaafataman karaa qajeelaan hanga deebisutti hojii dhaabnetti hin deebinu jechuun waadaa walii galuun hojii dhaabanii jiran.Barsiisotni mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kunneen Barsiisota yuunivarsiitii Haramaayaa fi Jijjigaa waliin gamtaan diddaa itti fufuudhaanis gaaffiin dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitiilee kanneen waliin gaafachaa mootummaa Wayyaanee sodaa guddaa keessa buusanii jiran.Sochii fi diddaa kana dura dhaabbachuuf jecha akkuma aadeffate gaaffii ummataa humnaa fi meeshaa waraanaan ukkaamsuuf jecha Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraanaa fi basaasa Yuunivarsiitiilee Dirree Dawaa,Haramaayaa,Jijjigaa keessatti hedduumminaan bobbaasuun doorsisaa fi sakatta’insaan dura dhaabbachuuf fiiguu irratti argama.

Leave a comment