Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Asoosaa Itti Fufe!

Bitootessa 14,2013 Asoosaa

Diddaan barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa itti fufuun barattooti Oromoo kitaabota afaan Oromoon barreefamanii fi seenaa uummata Oromoo qabu bituun barsiisota warra afaan Oromoo osoo hin beekiin sabummaanis Oromoo hin ta’iin garuu sadarkaa Yuuniversitiitti warra afaan Oromoo barsiisaniif hiruu fi kennuun “Afaan keenya afaan saba kamiinuu gadi waan hin taaneef barsiisaa afaan keenya haasawu akka nu barsiifnas” jedhanii sagalee diddaa dhageessisanii jiru.

Barattooti Oromoo kun waraqaalee dhadannoo fi gaaffii mirgaa kaasu guutuu Yuuniversitichaa keessatti facaasuun diddaa nyaataa fi barnootaa kaasuun gaaffiin ummata Oromoo akka deebi’u gaafatanii jiru. Kana malees barattooti Oromoo Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 fi Amboo irraa arihaman hatattamaan barnootatti haadeebi’u gaaffii jedhu kaasanii jiru.

Haalli kun kan itti cime mootummaan Wayyaanee waraanga guuree mooraa sanitti erguun barattooti kun akka eegaman taasisaa jiraachuun gabaasi qeerroo mooraa Yuuniversitii Asoosaa addeessa.

 

2 thoughts on “Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Asoosaa Itti Fufe!

  1. Maal qeerro dargagotni maqaa musiliima isin booda ka=an million hedduu sochoosa jiran.
    isini caalan keessan kan sosii godhaa jirtan maqaa baratootatni hidhamuu wa isini irraa hafe

    yoo dhugumati fincila gootan fincila seerangochuu dha.

    Dargagooni oromoo dargagoota tigre ti gadii kan nama hiitu ajjeestu?

Leave a comment