Bitootessa 12,2013. Haromaayaa
Qotee bultootni Oromoo mootummaa abbaa iree dirqamsiifamuun yeroodhaa gara yerootti gibira humnaa olii kaffaluuf kan dirqaman yoommuu tahu yeroo ammaa kana sabboontotni qotee bultoota Oromoo Godina Harargee bahaa aanolee garaa garaa keessaa ajaja mootummaa Wayyaanee uummata qabachuun didan.Mootummaan Wayyaanee qajeelfama buúura hin qabnee fi bittaa umrii ishee dheeresseef duwwaa kaattu qotee bultootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran.
Qotee bultootni aanaa Giraawwaa,Baddannoo,Kurfaa Calloo,Maayyuu Hulluuqqee,Golboodaa fi kanneen biroon gamtaan qajeelfama mootummaa Wayyaanee fudhachuu dhiisuun gibiras dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee aadaa Giraawwaa keessatti dabballoota hedduumminaan bobbaasuun gibira yoo hin kaffaltan ykn wal gahii waamamtanii hin baatan taanaan horii dallaa keessan keessaa fuuneee gurugurra jedhamaa kan jiran yoommuu tahu uummatni gocha kana gaafa gootan ilaalla jechuun cichee diddaa jabeessaa jira.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haramaayaa qotee bultootni Xinniqqee gibiraa fi uffata dabballoota wayyaanee akka bitaniif mana tokkotti qarshii 200 akka kaffalan dirqama itti kenname gamtaan didanii jiran.Qotee bultootnoi yeroo ammaa ilmaan keenyas nu jalatti ajjeessaa nuun nu saamtanii meeshaa waraanaa bitachuun ittiin nu hin bittan jechuun gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiran.