Bitootessa 08,2013 Hawaasaa
Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee sabawwan cunqurfamoo iratti bittaa umrii isaa dheeressuuf taasisu daran jabaachuun Naannoo uummattota Kibbaa uummata Sidaamaa aanaa Harbegooraa irraa mana hidhaatti guuraa jira.Wayyaaneen ilmaan Sidaamaa isin mootummaa EPRP irratti fincila diddaa gaggeesitaniittu, Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin biyyattii keessaa uummata Finicila Diddaaf sossosaa jiran waliin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Bitootessa 05/2013 aanaa kana irraa mootummaa Wayyaaneen kanneen ukkaamsaman
- Obbo Kaasaa Kaayessoo
- Obbo Taaffasee Barasoo
- Obbo Butura Butuna
- Obbo Assaamineew Dubbaalee
Jedhaman yoommuu tahan mana hidhaa wayyaanee magaala Hawaasaatti fudhatamuun iccitii beektan baasaa jedhamuun reeabamaa jiru.Dargaggoonni sidaamaa hidhaan wayyaaneen gaggeeffamu daran qabsootti nu jabeessa jechuun diddaa dhageessisaa jiru.